Xu’aashii Itoophiyaa fi Iccitii dibataa (Meeroonii) -"KUTAA 2FFAA"


 kutaa 2ffaa
Yaa Xu’aashichaa Garam jirta?
Odeessi Qulqulluu Luqaas kan gahoomsuun Xu’aashichi Itiyoophiyaa “Gammadaa karaasaa deeme” jedhee tu. Xu’aashichi kun garuu dhugumaan erga cuuphamee booda eessa gahe? Gara biyyasaa deemee lallabee ta’aa laata? Gara biyya biraa deemee lallabee ta’aa laata? Jireenyi isaa akkam ture? Duuti isaa hoo?
Qulqulluun Jeeroom xu’aashichaan “Sabasaaf duuka bu’aa ta’e” jedheenii Barreessaan seenaa mana amantaa Awusaabiyoos immoo turtii cuuphaasaa booda ture akkas jedha. “Namni kun Israa’elotatti aansee lallabaan Wangeelaa Qulqulluu Filiphoos Iccitii abiddaa sagalee waaqayyoo fudhachuuf isa duraa  ture. Uummata addunyaa duratti boonuun (Firii jalqabaa) ture.  Namni kun biyyasaatti deebi’ee Kiristoos isa jireenya kennu nama gidduu deddeebi’uusaa kan barsiiftu Wangeela barsiisuuf nama jalqabaa ta’uunsaa amanamaa dha. Itiyoophiyaan harkashee gara Waaqayyootti bal’isti raajiin jedhu xumura argateera.”78
Salamoon Faaruu Faaruu Caalu (Mahaliyyaa) irratti “ani gurraacha garuu bareedaa dha” isa jedhe bifaan (fooniin) gurraacha ta’uun Amantaan bareeduu akka hin dhowwine kan agarsiisu ta’uusaa kan hiikan abbootii duraanii keessaa tokko kan ta’e Qulqulluu Efreem cuuphaan xu’aashichaa karaa kanaan ibseera. “Gurraachichi Itiyoophiyaa cuuphamee ife, gammachuudhaanis deeme. Barsiisee duuka bu’aa argate. Gurraachota keessaa kan ifan argamsiise. Itiyoophiyaanota warqee Kiristoosiif ifan taasisee dhiyeesse. Itiyoophiyaa irraa akka argame akka Gonfoo ifuu bareechee Kiristoosiif dhiyeesse” 79
Xu’aashichi gara biyyasaatti deebi’ee lallabuusaa fisabasaaf duuka bu’aa ta’uusaa , mana mootummaatti Kiristaanummaa lallabuusaa hayyootni mana kiristaanaa ragaa yoo bahaniyyuu  waan achi booda ta’e  garuu kan barreeffame hin argannu.  Qulqulluu Abbaa Giyoorgis inni Gaasiccaa Xu’ashichi kun lallaba lallabeen “Misiraachoo isaatiin uummatni Itiyoophiyaa Kennaa Wangeela Itiyoophiyaatti amanan.” Erga jedhee booda  ergamni Xu’aashichaa  lallabuu malee cuuphuu akka hin taane yeroo ibsu  “ Kiristaana guguddaa waa’ee ta’uu garuu sababa hin arganne xu’aashichi akka cuuphuuf luba miti hoo”  (ወበእንተ ከዊ ዐቢየ ክርስቲያን ስእኑ ምክንያተ እስመ ኢኮነ ካህነ ውእቱ ሕፅዉ ከመያጥምቆሙ) በማለትደምድሟል፡፡ (መጽሐፈምሥጢር፭፥፴፰)
Xu’aashichi Itiyoophiyaa daangaan lallaba isaa Itiyoophiyaa qofatti kan dhaabbate hin turre. “Biyya kee Itiyoophiyaatti itti dhiyoo kan jirtu Noobiyaatti Aloodiyaatti itti dabalees hanga Naappootaanaasoobaatti Kiristaanummaa lallabuuf kan naannofte yaa Aanga’aa Hindakkee fi Uummataa Afriikaa keessatti rakkoon akka hin jiraanne eegiin jechaa gara Gooftaa kee kadhadhu.” Kadhannaan jedhu daangaan lallabni xu’aashichaa bal’aa ta’uusaa raga baha. 80
Waa’ee xumura jireenya xu’aashii Itiyoophiyaa fi bal’ina daangaa tajaajilasaa kan galmeesse Hayyoota yaa’ii Niiqiyaatti argaman keessaa tokko akka ta’an akka dubbatamuu fi bara Wareegamtootaa Aramootaan (አረ) fudhatamee xu’aashii kan ture lubichi Xiiroos Doorooteeyoosi dha. Barreessaa Seenaa mana Kiristaanaa Awusaabiyoosiif barsiisaa akka ta’e kan dubbatamu Doorooteeyoos barreeffamasaa ‘Siinoobsiis’ jedhamu irratti waa’ee xu’aashii Itiyoophiyaa ragaawwan hon dhagahamne galmeesseera.
Xu’aashicha maqaa “Iindiich” jedhuun kan waamu yeroo ta’u xu’aashiin Itiyoophiiyaa Itiyoophiyaatti erga barsiiseen booda Galaana diimaa ce’ee Faarsitti, Arabiyaatti, Hinditti fi biyyoota Bahaa baay’ee naanna’ee akka lallabee fi dhuma irrattiis hanga Oddola Taaproobaanaa ykn Seeyiloon jedhamtee waamamtuutti deemee akka barsiise ragaasaa dhiigaan chaappesssee wareegamummaan akka boqote; kabajaan akka awwaalame bara sanattis awwaalasaa irratti raajiin godhamaa (raawwatamaa) akka ture barreesseera.81
Xu’aashichi Itiyoophiyaa daangaa lallabasaa godhatee ture jedhamtee kan tuqamte Taaproobaanaa ykn Seeyiloon kan jedhamtu yeroo ammaa Sirilaankaa jedhamtee biyya waamamtu dha. Gubbaatti ka ilaalleen ala Siriilaankaan Seenaa Kiristaanummaa irratti Xu’aashicha Itiyoophiyaa kan kaasu wanti barreeffame baay’ee hin jiru. Sirilaankaanis akka duuka bu’aatti kan waamtu Qulqulluu Toomaasiini dha. Haa ta’u malee xu’aashicha waliin kan walqabatu ta’uu baatus Kiristaanummaan Sirilaankaa akka galuuf Itiyoophiyaan gahee akka qabdu ka’uunsaa hin hafne. Jaarraa tokkoffaa irraa jalqabee biyya warra Aksum giddugala Gabaa Qaxxaamuraa kan turte karaa Yabala (iddoo boqonnaa doonii) Aduuliis gaggeeffamaa kan ture jijjiirraa Gabaa Olaanaan hanga Oddola Taaproobaanaatti kan diriire ture. Sababa kanaan Itiyoophiyaanonni Aksum irraa deeman Taaproobaanaatti Wangeela lallabuu isaanii fi baay’ee isaanii gara kiristaanummaatti deebisuu isaanii Seenaa Kiristaanaa Sirilaankaa irratti hayyotni qorannoo godhan galmeessaniiru. 82
Xu’aashiin Itiyoophiyaa Itiyoophiyaa fi Afriikaa hundi seenaa kiristaanummaa itti boonan kan qabu yoo ta’eyyuu hanga ta’uuf maqaansaa hin kaane jechuu dandeenya. Namni kun deemsa afuuraa warren deemaniif, Kitaabolii Qulqullaa’oo kan dubbisaniif, Qorannoo kitaaba qulqulluu warren godhanii fi mari’atan hundaaf adda duree kan ta’u seenaa bareedaan kitaaba qulqulluu irratti nama barreeffameefi dha. Namni kormeen bataskaana dhungatu, Kitaabota raajotaa dubbisu, gadi kan of qabu, beekuu dhabuu isaa dubbachuu kan hin qaanofne qulqullichi, waa’ee afuuraaf dheebote. Jechasaa dhaggeeffachaa of kan dogoggorsu ituu hin ta’in Qulqulluu yeruma sana faca’ee firii gaarii kennu, Waa’ee Kiristoos gonka lapheesaatti amanee, wareegamaa ragaa bahe, Duuka bu’aa fayyuu warra kaaniif karaa qulqulleesse dhugumatti kabajni dachaan isaaf in ta’a.
Amantoota haaraa gara Kiristaanummaatti fiduuf  tajaajila Kiristaanota xixiqqoo irratti warra tajaajilan, amala dubbisaa Itiyoophiyaatti baruuf warra barbaadan hunda  seenaa xu’aashii Itiyoophiyaa kan caalu Cuuphamaas ta’e dubbisaan bu’uura duraaniii ( መሠረት) qabu hin jiru. Manni Kiristaanaa barreeffamootaa fi Faaruuwwan isheetiin kan kaastuun (yaadattuun) yoo ta’eyyuu maqaa isaatiin mana kitaabaa illee kan hin moggaafamne ta’uun isaa dhugaa gaddisiisaa dha. Waaqayyo Israa’elootatti gaddee yeroo dubbatu “Guyyaa guutuu gara uummata hin ajajamnee fi uummata faallatti harka koo nan diriirse.” Jedhee ture. (Room. 10: 21).  Gara Itiyoophiyaatti garuu Waaqayyo harkasaa diriirsuun hin barbaachisneen. Sababni isaas “Itiyoophiyaan harkashee gara Waaqayyootti” waan bal’isteefi dha. (Faar 68:31). Kunis dursee ibsa Qulqulluu Efreemiitiin “Hoolaa Yeyyiiwwan gidduutti ergamte” kan jedhamuu fi Mootittii Saabaa Maakiddaa Ogummaa Salamoon jettee deemte, Xu’aashii kakuu moofaa Abemeleekiin, Ogeessota keessaa tokko kan ta’e Baazeenii fi xu’aashii Itiyoophiyaatiin dhugaa mirkanaa’e dha. Seensa Kakuu haaraa irratti kan argannuu fi Kakuu moofaa uffattee kan turte Itiyoophiyaaf kakuu haaraa kan argamsiiseef, dubbisa isaa biyya beektuuf hiikkaa isaa kan fideef, biyyasaa Kittaana fudhatteef Cuuphaa kan fideef xu’aashii kana mana kiristaanaa qulqulleettiitti maqaa isaa kaasuun hanga deebi’ee dhufuu isaatti itti fufa.
“Yeroo humdumaa Waaqayyo akka warra mo’ee galuutti nu adeemsisuuf nu irrattis bakka hundumaatti foolii beekumsaasaa kan ibsu Waaqayyoof galanni haa ta’u.” 2Qor 2:14

Comments

Popular posts from this blog

Xu’aashii Itoophiyaa fi Iccitii dibataa (Meeroonii)