Xu’aashii Itoophiyaa fi Iccitii dibataa (Meeroonii)
Mana Kiristaanaa keenyatti Iccitiiwwan fayyuuf barbaachisa keessaa inni tokkoffaan cuupaa yemmuu ta’u inni itti aanu iccitii dibataa (meeroonii) ti. Yohaannis Cuuphaan “dibata qulqulluu irraa dibamtaniittuutii hundumayyuu ni beektu” jedhee kan dubbateef; Ququlluun Phaawuloos “Guyyaa furamaatti kan ittiin mallatteeffamtan Qulqulluu Afuura Waaqayyoo hin gaddisiisinaa” jedhee raajiin kan dubbateef chaappaan hundumaa nama beeksisu Afuura qulquluu kan ittiin fudhannu Iccitii dibataa (Meeroonii) ti. Guyyaan iccitii kana itti raawwannu tokkoon tokkoon dhunnfaa keenyaaf Guyyaa Afuurri Qulqulluun itti nuuf bu’u ( ); Tikseen keenya Qorichi Addunyaa (Waaqayyo) Guyyaa “hoolota isaa irratti Mallattoo guyyaa itti godhu dha.” 1Yoh. 2:8, Efe. 4:30 Dhugumaan Mana Amantootaa (Bataskaana)ishee Jalqabaatti Amantoota Cuuphaman irratti afuura qulqulluu kan bulchitu Duuka buutotni ( yeroo sana Hangafa Phaaphaasotaa) bakka jiraniitti waamamanii dhufuun harka irra kaa’uudhaan ture. Lakkoof...
Comments
Post a Comment