Hirriba Yeroo Malee
✍️Yeroon isaa yeroo hirribaa hin ture. Rafuuf illee miti hirkachuuf bakkichi gamtalaa miti. Osoma bakki isaa toleyyuu halli yerichaa bareeda natti hin fakkaatu. Nama dhibaa! namoonni tokko tokko bakka ciisicha gaarii qabatanii, yeroo hirriba sanii eeganii gara bakka ciisicha isaanii deemanii siree isaanii irra ciisanii hirribni isaan qabuu didnaan akka daa'imaa kan qawwaa mana lakkaa'aan lakkoofsa hin qabanii. Kanii immoo dhukkuba hirribaa kanaa qabamanii ji'a ji'an mana yaalaatti kan Beellamaa deddeebi'aan hammasi hin jedhaman. Aniis kana ilaaleen waa'een Yoonaas naa ajaa'ibaniin yaadaan gara markabichaatti qaari'ee.
✍️Himm "Bubbeen humna qabeessis galaanichatti waan ka'eef markabichi caccabuu bira ga'e.Yeroo sanatti warri markaba oofan in sodaatan; namnis adduma addaan gara Waaqayyo isaatti iyye; akka itti salphatuuf mi'a markabicha irraa galaanatti gad daddarbatan; Yoonaas garuu kutaa markabichaa keessa lixee ciisee, rafees of gatee ture." Yaa Yoonaas mee naaf deebisii hanga markabni caccabuuti kan raftee hiriba maaltu si qabee laata? Bakka gooftaan hin jirree eessa jiraayyuuti yaa Yoonaas bakka itti ergamtee dhiistee karaa malee kan deemte. Yeroo namoonni markabicha irraa dhiphuun Waaqa waammatan atihoo hiriba guyyaa meeqa rafaa jirta? yeroon ati itti raftee dhugumaa rafuuf ni mijataa yaa Yoonaas? Anis kanuumaafi kananii hirriba yeroo malee jedhe
✍️Yaa obboloota koo akka Yoonaas har'a hiriba yeroo malee keessa kan jiru meeqan keenya laata? Umurii itti walii gadii fiignee hojjechuu dandeenyutti ciqilee namaa irra rafaa kan jirruu hoo? Kadhachuu osoo dandeenyu hiriba haamaan qabamne kan rafnu hoo hin jirru?
✍️Hirribni nuti keessaa damaquu hin dandeenye isa kamii laata? Hiriba cubbuu keessa haa dammaqnu. Yeroon kun yeroo itti rafan miti, yeroon kun yerootti of-gataan miti yeroon kun yeroo itti mugan miti, yeroo itti dammaqan malee. Kanaaf ati yaa isa cubbuu keessa raftuu dammaqi, yaa isa warra rafaan gidduu jirtuu dammaqi. Hirribni ati raftee galaanaa cubbuu, hiyyummaa yeroo maleefi jireenya gadadootti si gatuu danda'a damaqi. "Yeroo itti dura amanne caalaas amma guyyaan fayyinaa waan nutti dhi'aateef, yeroon kun yeroo itti hirribaa dammaquun isin irra jiru ta'uu isaa beekaa!"(Room 13: 11)
Comments
Post a Comment