Kadhannaa Yeroo Hundaa
KADHANNAA YEROO HUNDAA
Waaqa tokko kan ta’an maqaa Abba, kan Ilmaa, Kan Afuura Qulqulluutti,qulqulluufi ulfaatoo kan ta’an sadummaatti (sillaaseetti) amanuufi kadhachuun diina koo Seexana nan gana, haadha koo mana Kiristiyaanaa kana fuuldura dhaabadheen sigana. Kanaafis ragaan koo Maariyaamii dha,
Addunyaa kanattis Addunyaa isa dhufuttis ishee dawwoo taasiseen yaa diina koo Seexanaa sin gana.
Yaa Gooftaa si galateeffanna, yaa Gooftaa si Kabajna, yaa Gooftaa sif bitamna, yaa Gooftaa maqaa kee qulqulluu ni galateeffanna.
Jilbi hundumtuu kan siif sagaduu siif sagadnaa; arrabni hundumtuu sif bitama. Waaqni Waaqotaa, Gooftaan Gooftotaa, Mootiin moototaa si’iidha.
Uumaan fooniifi lubbuu sidha. Isinis yeroo kadhattan akkas jedha kadhadhaa jedhee qulqulluun ilmi kee akkuma nu barsiisetti si waammana.
Yaa Abbaa keenya Samiirra kan jiraattu maqaan kee haa qulqullaa’u.
Mootummaan kee haa dhufu jaalalli kee samiirratti
akkuma ta’e akkasumas lafarratti haa ta’u.
Kan nu ga’u soora keenya ara’aaf ga’u nuuf kenni,
yakka keenyas nuuf dhiisi, nutis kan nu yakkaniif akkuma dhisnuuf, qorumsatti nu hin galchiin; hamaarraa nu oolchi malee, Mootummaan kan keetti’oo humnis galannis bara-baraan Ameen!
Nagaa Ergamaa Gabri’eel qulqulluutiin Yaa Giiftii keenya Maariyaam nagaa siin jenna. Yaada keetiin durboodha, foon keetiinis durboodha.
Yaa hadha Waaqayyoo isa mo’aa siif galanni haa ta’u. Ati dubartoota keessaa kan eebbifamteedha firiin gadameessa keetis kan eebbifameedha. Gammadi yaa ayaana qabeetti
Waaqayyoo si wajjin jira’oo Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos irraa dhiifama nuuf kadhadhu, cubbuu keenya akka nuuf dhiisuuf. Hangaa bara-baraatti Ameen!
Comments
Post a Comment