Posts

Deebii

Kadhannaa Yeroo Hundaa

Image
 KADHANNAA YEROO HUNDAA Mallattoo Fannoo Gooftaa Koo Iyyesuus Kiristoosin qaama koo hundumaa yeroo sadii nan mallatteessa. Waaqa tokko kan ta’an maqaa Abba, kan Ilmaa, Kan Afuura  Qulqulluutti,qulqulluufi ulfaatoo kan ta’an sadummaatti (sillaaseetti) amanuufi kadhachuun diina koo Seexana nan gana, haadha koo mana Kiristiyaanaa kana fuuldura dhaabadheen sigana. Kanaafis ragaan koo Maariyaamii dha, Addunyaa kanattis Addunyaa isa dhufuttis ishee dawwoo taasiseen yaa diina koo Seexanaa sin gana. Yaa Gooftaa si galateeffanna, yaa Gooftaa si Kabajna, yaa Gooftaa sif bitamna, yaa Gooftaa maqaa kee qulqulluu ni galateeffanna. Jilbi hundumtuu kan siif sagaduu siif sagadnaa; arrabni hundumtuu sif bitama. Waaqni Waaqotaa, Gooftaan Gooftotaa, Mootiin moototaa si’iidha. Uumaan fooniifi lubbuu sidha. Isinis yeroo kadhattan akkas jedha kadhadhaa jedhee qulqulluun ilmi kee akkuma nu barsiisetti si waammana. Yaa Abbaa keenya Samiirra kan jiraattu maqaan kee haa qulqullaa’u.  Mootummaan ke...

Hirriba Yeroo Malee

Image
  ✍️Yeroon isaa yeroo hirribaa hin ture. Rafuuf illee miti hirkachuuf bakkichi gamtalaa miti. Osoma bakki isaa toleyyuu halli yerichaa bareeda natti hin fakkaatu. Nama dhibaa! namoonni tokko tokko bakka ciisicha gaarii qabatanii, yeroo hirriba sanii eeganii gara bakka ciisicha isaanii deemanii siree isaanii irra ciisanii hirribni isaan qabuu didnaan akka daa'imaa kan qawwaa mana lakkaa'aan lakkoofsa hin qabanii. Kanii immoo dhukkuba hirribaa kanaa qabamanii ji'a ji'an mana yaalaatti kan Beellamaa deddeebi'aan hammasi hin jedhaman. Aniis kana ilaaleen waa'een  Yoonaas naa ajaa'ibaniin yaadaan gara markabichaatti qaari'ee. ✍️Himm "Bubbeen humna qabeessis galaanichatti waan ka'eef markabichi caccabuu bira ga'e.Yeroo sanatti warri markaba oofan in sodaatan; namnis adduma addaan gara Waaqayyo isaatti iyye; akka itti salphatuuf mi'a markabicha irraa galaanatti gad daddarbatan; Yoonaas garuu kutaa markabichaa keessa lixee ciisee, rafees of gate...

21 Faarfannaawwan MAARIYAAMII 21|| Faarfannaa Ortodoksii || Afaan Oromoo...

Image

0032 Hangafa Lubootaa Dn Mahaarii KiroosllFaarfannaa Ortodoksii haaraal...

Image

DIINNI KOO ODEESSUS -Dn Yaareed Alamuu ||Faarfannaa Ortodoksii haaraa ||...

Image

Karaa Hedduun Yoo Qoramte ||Faarfannaa Ortodoksii haaraa|| Waldaa Qulqu...

Image

Xu’aashii Itoophiyaa fi Iccitii dibataa (Meeroonii) -"KUTAA 2FFAA"

Image
 kutaa 2ffaa Yaa Xu’aashichaa Garam jirta? Odeessi Qulqulluu Luqaas kan gahoomsuun Xu’aashichi Itiyoophiyaa “Gammadaa karaasaa deeme” jedhee tu. Xu’aashichi kun garuu dhugumaan erga cuuphamee booda eessa gahe? Gara biyyasaa deemee lallabee ta’aa laata? Gara biyya biraa deemee lallabee ta’aa laata? Jireenyi isaa akkam ture? Duuti isaa hoo? Qulqulluun Jeeroom xu’aashichaan “Sabasaaf duuka bu’aa ta’e” jedheenii Barreessaan seenaa mana amantaa Awusaabiyoos immoo turtii cuuphaasaa booda ture akkas jedha. “Namni kun Israa’elotatti aansee lallabaan Wangeelaa Qulqulluu Filiphoos Iccitii abiddaa sagalee waaqayyoo fudhachuuf isa duraa   ture. Uummata addunyaa duratti boonuun (Firii jalqabaa) ture.   Namni kun biyyasaatti deebi’ee Kiristoos isa jireenya kennu nama gidduu deddeebi’uusaa kan barsiiftu Wangeela barsiisuuf nama jalqabaa ta’uunsaa amanamaa dha. Itiyoophiyaan harkashee gara Waaqayyootti bal’isti raajiin jedhu xumura argateera.” 78 Salamoon Faaruu Faaruu Caalu ...